Madda suuraa, AFP
Israa'el akakkeechiisa gaggeessitoonni Kiristaanaa "gareen finxaaleyyyii" maqaan isaanii hin dha'amne Kiristaanota dachee Qulqulluu taate, Jerusaaleem keessaa ari'uudhaaf yaalaa jiru jechuun dabarsan hin fudhadhu jette.
Luboonnii fi hoggantoonni Waldaa Kiristaanaa Jerusaaleem akka jedhanitti, anga’oonni haleellaa Kiristaanotaa fi manneen amantaa isaaniirra ga’u ittisuu dadhabaniiru.
Ark-biishooppii (luba olaanaa) Kanterbariin ibsi bahe kun "wanta hin eegamnee fi waamicha akeekkachiisaa ariifachiisaadha" jedhan.
Mootummaan Israa’el himanni kun madda kan hin qabnee fi dhugaa kan jallisedha jedheera.
Lakkoofsi Araboota Palastaayin kan bakkeewwan Israa'eliin qabaman Gaazaa fi Weest Baanki keessa jiraatanii dabalaa jiraatus, hawaasni Kiristaanoota garuu lakkoofsa uummataa waliin yemmuu madaalamu hir’isaa dhufeera.
Amma Kiristaanoonni lakkoofsa uummataa keessaa %2 yoo ta’an, dallaa Jerusaaleem ishee durii (Old City of Jerusalem) keessatti ammoo 2,000 kam hin guutne qofatu hafe jedhamee yaadama.
Hoggantoonni mana amantaa Jerusaaleem ibsa baasan irratti, bara 2012 irraa eegalee “arrabsoo fi miidhaan qaamaa hedduun lubootaafi miseensota irra ga’uu, maneen amantaa Kiristaanaa irratti halleellaan gaggeeffamuu, bakkeewwan qulqulluu jedhaman yeroo yerootti halluu fi waan adda addaan jeeqamuufi Kiristaanota bilisaan Waaqeffachuufi jireenya isaanii jiraachuu barbaadan irra dorsiisi ga’uu” ibsuun akeekkachiisaniiru.
“Gochi akkanaa kun mala gareewwan finxaaleyyii hawaasa Kiristaanootaa Jerusaaleem fi magaalota adda addaa keessaa ari’uuf gargaaramanidha."
Mootummaan hawaasa kana eeguuf waadaa seenuu isaa himanis, waadaan kun garuu, “abbootii siyaasaa, anga’ootaafi dhabbilee eegumsa nageenyaa naannichaan cabeera,” jedhu.
Ark-biishooppii Kanterbariifi hogganaan hafuuraa Angilikaan addunyaa miiliyoona 85, Jastiin Welbii, akkasumas Ark-biishooppii Angilikaanii Yerusaalem Hosaam Nawuum ibsa gaazeexaa Sunday Times irratti “rakkoon seena qabeessa amma uumama jira” jechuun maxxanfame kana deeggaraniiru.
Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Ira’eel keessatti walabummaa amantaa Kiristaanonni qaban lellisanis, “luboota Kiristaanaa irra arrabsoofi miidhaan qaamaa ga’u akkasumas manneen amantaa balleessuun gartuulee finxaalessoon taasifamu, isaan sodaachisuun mala ittiin akka isaan biyya gadhisaniif godhamudha,” jedhaniiru.
Wiixata galgala mootummaan Israa’eel ibsa baaseen, gabaasa Ark-biishooppii Kanterbarii utuu hin xuqiin, hoggantoonni Waldaa Jerusaaleem garuu himata bu’uura hin qabneefi “dhugaa hawaasa Kiristaanaa Israa’el keessa jiru kan jallisuudha,” jedheera.
“Hoggantoonni amantaa wal danda’uufi waliin jiraachuu barsiisuu irratti ga’ee ijoo qabu. Hoggantoonni mana amantaa itti gaffatamummaa isaanii hubachuufi bu’aan wanti isaan maxxansanii kan hokkoraa uumuun namoota nagaa irra miidhaa geessisuu danda’u akka ta’e hubachuu qabu,” jechuun akeekkachiiseera.
Dabalatanis ibsichi, hoggantoonni kun ari’annaa Kiristaanota Baha Giddugaleessaa keessa jiran irratti homaa hin dubbatiin hafuun isaanii kan “nama dheekkamsiisudha” jechuun himateera.
Hoggantoota mana amantaa Jerusaaleem irraa ibsa kanaaf deebiin hatattamaa ammatti kennamuu baatus, dubbii himaan Ark-biishooppii Kanterbarii garuu, inni irra daddeebiin “ari’annaa Kiritaanota irra Baha Giddugaleessaafi kutaalee addunyaa garaa garaatti ga’u irratti dubbadheera,” jedheera.
© 2023 BBC. Qabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti. Gara geessituu alaatti akkaataa itti hojjennu dubbisi.